Godina Harargee Bahaatti lammiileen kumni 489 ol deeggarsa midhaan nyaataa kan barbaadan ta’uu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2014 (FBC)– Godina Harargee Bahaatti lammiileen kumni dhibbi 4 fi kumni 89 ol deeggarsa hatattamaa midhaan nyaataa kan barbaadan ta’uu Waajjirri Hoggansa Sodaa Balaa godinichaa beeksise.

Godinichi  %72 haalli qabeenyi qilleensa isaa gammoojjii waan ta’eef yaaddoo hongee guddisuu hogganaan Waajjirichaa obbo Nuuree Mahaammad Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.

Aanaalee godinichaa 20 keessatti yaaddoon hongee jiraachuu fi kanneen keessaa 5 keessatti hongee hamaan jiraachuu eeraniiru.

Baatiiwwan dhufanitti roobni hin roobu taanaan aanaalee Gursum, Baabbillee fi Faadiis deeggarsa midhaan nyaataa barbaaduu kan malan ta’uu eeraniiru.

Waggaa darbe roobni gahaan roobuu dhabuusaarraan kan ka’e lammiileen kumni dhibbi 4 fi kumni 48 deeggarsa barbaachaaf saaxilamuu kaasaniiru.

Lakkoofsi lammiilee deeggarsa barbaadanii dabaluu akka danda’us eeraniiru.

Godinichatti lammiileen kumni dhibbi 3 fi kumni 31 deeggarsa seeftiineetiin deeggaramaa turuu yaadachiisuun hongee mudateen namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 68 dabalamuu ibsaniiru.

Midhaan nyaataa kuntaala kuma 49 keessaa kuntaalli kuma 26 ta’u lammiilee kuma dhibba 1 fi kuma 29 raabsamuu kaasaniiru.

Deeggarsa mootummaan taasisaa jiruun cinatti dhaabbileen tola ooltotaa deeggarsa akka taasisan gaafataniiru.

Gama biraan beelladoonni kuma dhibba 4tti tilmaamaman hongechaan miidhamuu akka danda’an tilmaamni kaa’amuu fi nyaanni beelladaa beeliin kumni dhibbi 2 fi kumni 10 kan barbaachisu ta’uu dubbataniiru.

Iyyoonaadaab Anduu’alamtu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment