Godina Harargee Bahaatti lafti hektaarri  kuma 7 ol sanyii qamadii jallisiin   uwwifamuu ibsame

Finfinnee, Muddee 19, 2014 (FBC)- Godina Harargee Bahaatti lafti hektaarri  kuma 7 ol sanyii qamadii jallisiin   uwwifamuu Waajjirri Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Godina Harargee Bahaa beeksise.

Godinichatti bara kana qonna jallisii bonaan qamadii lafa heektaara kuma 26 ol misoomsuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti heektaarri  kuma 7 ol sanyii  uwwifamuu ibsameera.

Akka Aanaa Gooroo Muxiittis jallisii Bonaatiin Qamadii lafa heektara 500 irratti misoomsuuf karoorfamee hanga ammaatti lafa heektaara 250 ol irratti Sanyiin qamadii uwwifamuu ibsameera.

Yeroo ammaa hubannoo qonaan bultootaaf uumameen araddaaleen aanichaa sadi laga Raammis fayyadamuun haala gaariin jallisii bonaatiin qamadii oomishaa jiraachuu bulchaan aanaa Gooroo Muxii Obbo Jamaal Muhaammd ibsaniiru.

Aanichatti Lafti heektara 300tti dhiyaatu qophiin lafaa xumuramuun sanyiin qamadii torbaan lama keessatti guutumaan guututti face’ee akka xumuramuuf hojjatamaa jiraachuu Ittaanaan Itti Gaafatamaa Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa aanaa Gooroo Muxii obbo Anuwaar Umar  himaniiru.

Bara kana akka godinichaatti qamadii jallisii boneen oomishamu irraa callaan kuntaalli miiliyeena 1fi kumni dhibbi 4 ni argama jedhameera.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment