Godina Harargee Bahaatti hojiin ijaarsa Baayoo Gaazii xiyyeeffannaan hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Eebila 18, 2014 (FBC) – Godina Harargee Bahaatti hojiin ijaarsa Baayoo Gaazii xiyyeeffannaan hojjetamaa jira jedhameera.

Waajjirri Bishaanii fi Inarjii godinicha hojiilee gurguddoo ijoo hojjetaa jiru keessaa tokko hojii ijaarsa proojektii bishaanii fi Baayoo Gaaziif xiyyeeffannaa kennee hojjetaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Bishaanii fi Inarjii Godinichaa Injinar Araarsoo Abdulaxiif ibsaniiru.

Baayoo Gaaziin xuraawaa namaa fi loonii fayyadamuun humna ibsaa (annisaa) maddisiisuu danda’a.

Mala kana godinicha keessatti babal’isuun ummanni teeknooloojii kanarratti akka fayyadamuuf hojiin isaa bal’inaan hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Haaluma kanaan Godinichatti bara kana hojii ijaarsa Baayoo Gaazii 30 hojjechuuf karoorfamee 20 hojjetameera, 15 ammoo guutumaatti hawaasaaf tajaajila kennaa jiraachuu himaniiru.

Hojiin Baayoo Gaazii kun ammaaf sadarkaa abbaa warraa Loon qaban irratti hundaa’ee kan hojjatamu yoo ta’u, xuraawaa kanneen gara anniisaatti jijjiiruun nyaata ittiin bilcheessuuf, halkanis ifaaf itti faayyadamuun hawaasni haara qoraanii fi kan biraan akka hin miidhamne taasisuuf gahee olaanaa qaba.

Dabalataanis hojiin kun miidhaa qabeenya uumamaa bosonaarra gahaa jiruu fi faalama qilleensaas hir’isuuf gargaara.

Hubannoon ummanni Baayoo Gaazii fayyadamuurratti qabu gad aanaa waan ta’eef, miidiyaaleefi qaamni hubannoo qabu hawaasaaf hubannoo uumuun tumsa barbaachisu taasisuu qaba ragaan Biiroo Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment