Godina Harargee Bahaatti hojiileen misooma Qamadii Bonaa daawwatame

Finfinnee, Sadaasa 24, 2016 (FBC)- Jilli Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun durfamuu Godina Harargee Bahaa Aanaa Gursumii fi Baabbileetti hojii misooma qamadii Bonaa Horsiisee bultootaan hojjetamaa jiru daawwateera.

Daawwannicharratti, Obbo Geetuun akka jedhanitti, horsiisee bultoonni Godina Harargee Bahaa Aanaa Gursum wabii nyaataa isaanii mirkaneessuuf misooma qamadiirratti bal’inaan hojjechaa jiru.

Hojiin misooma qamadii Bonaan Oromiyaatti hojjetamaa jiranis guddina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf akeekatuudha jedhan.

Akka Oromiyaatti barana Bonaan, qamadii lafa hektaara miliyoona 2.6 misoomsuun oomisha kuntaala miliyoona 100 ol argachuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

Hanga ammaattis lafa hektaara miliyoona 2 qotuun kana keessaa lafti hektaarri miiliyoona 1.5 sanyiin uwwifamuu Obbo Geetuun himaniiru.

Dabalataanis, hanqinni sanyii Qamadii akka hinmudanneef hojjetamaa jiraachuu Obbo Geetuun ibsuun, qophii lafaa fi facaasaa jalqabame cimsuun karoora qabame raawwachuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu dhaamuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Godina Harargee Bahaatti lafa hektaara kuma 91’irra qamadii misoomsuuf karoorfamee lafti hektaarri kuma 53 fi 900 ol sanyiin faca’uu (59%) faca’uu Itti Aanaa Bulchaa Godinichaa Obbo Ayyaalawu Taakkalaa himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment