Godina Harargee Bahaatti Bishingaan sanyii filatamaan lafa hektaara kuma 16 olirratti misoomaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2016 (FBC) – Godina Harargee Bahaatti Bishingaan sanyii filatamaan lafa heektaara kuma 16 olirratti misoomaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksise.

Godinichatti bara kana Bishingaan sanyii filatamaan “Malkaam” jedhamu Aanalee 15 keessatti lafa heektaara kuma 16 olirratti kilaastaraan misoomaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Harargee Bahaa Obbo Geetaahun Nigaatuun FBC tti himaniiruu.

Bishingaan sanyiin filatamaan kun ji’a 3 keessatti kan gahu yoo ta’u, qonnaan bulaan rooba xiqqaan waggatti yeroo lamaafi isaa ol oomishuun wabii miidhaan nyaataa akka mirkaneeffataniif qooda qabaachuu Obbo Geetaahun eeraniiruu.

Aanaalee godinichaa hunda keessatti Sanyii Bishingaa kanaa babal’isuuf hojjatamaa jiraachuu himaniiruu.

Godinichatti Bishingaa sanyii filatamaa lafa heektaara kuma 16 olirratti kilaastaraan misoomaa jiru kanarraa Callaan kuntaalli kumni 600 ol kan abdatamu ta’uu ibsaniiru.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment