Godina Guraageetti balaa Tiraafikaa qaqqabeen lubbuun daa’immaan lamaa darbe

Finfinnee, Caamsaa 26, 2014 (FBC) – Godina Guraagee aanaa Chahuu ganda Adoosheenaa Aturchaatti balaa Tiraafikaa qaqqabeen lubbuun daa’immaan lamaa darbuu Waajjirri Poolisii aanichaa beeksiise.
Konkolaataan fe’umsaa Hoosaa’inaa gara Walqixxee imalaa ture daandirraa maquun mana jireenyaa nama dhuunfaa keessa galuun daa’immaan kanneen galaafachuu ajajaan waajjira Poolisii aanichaa Inispeektarri olaanaan Gannaa Gadaamuu ibsaniiru.
Daa’imni durbaa umrii waggaa 8 fi ilmi dhiiraa umrii waggaa 4 miidhaa irra qaqqabeen lubbuun isaanii darbuu eeraniiru.
Konkolaachisaarras miidhaan qaqqabuun yaalarra jiraachuu isaa ragaan Waajjira Kominikeeshinii aanichaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment