Godina Gujiitti torbanoota lamaan darban keessaatti miseensa ABO shanee 14 irratti tarkanfiin fudhatameera

Finfinnee, Sadaasa 1, 2013 (FBC)- Godina Gujiitti torboota lamaan darban keessaatti qindoomina qaamolee nageenyaa fi hirmaannaa uummataan tarkaanfii garee ABUT fi ABO shanee irratti fudhatameera.

Godinichatti ABO shanee 14 yoo ajjeefaman , 13 to’anna jala oluu 17 ol ammoo madaa’uu isaanii bulchaan godina Gujii obbo Taaddalaa Uddoo himaniiru.

Gareen  ABUT iddoo garaagaraatti gita shorokeessummaa dhaqqabsiisuuf bobba’an to’achuun kaayyoo isaanii fashaleessuuf hojii qindoominaan hojjatamaa jiruun sakattoo addaa aanaalee fi maagaalota godinichaatti qaamoleen nageenyaa gaggeeffamaa jira jedhan.

Haaluma kanaan namoonni ergama ABUT irraa fudhachuun badii dhaqabsiisuuf socha’aa turan 3 Birrii kuma 100 waliin magaalaa Nageellee keessaatti qabamuu isaanii ibsaniiru.

Akka Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa beeksisetti, uummanni godina Gujii sabootaa fi sablammoota isaan keessa jiru eegaa kunuunsuun nageenya, misoomaa fi guddina biyyaattiif caalmaa akka hojjataniif obboo Taaddalaa yaadachiisaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

Comments (0)
Add Comment