Godina Gujiitti sagantaan dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Adooleessa 6, 2013 (FBC) – Godina Gujiitti sagantaan dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa aanaalee godinichaa garaagaraa keessatti gaggeeffamaa jira jedhame.
Sagantaa kanaan Biqiltuu miiliyoona 8.3 dhaabuuf har’a barii lafaa duulaan dhaabuun eegalamuu ibsameera.
Sagantaa Ashaaraa magariisaa guyyaa har’aa kanarratti kutaaleen Hawaasa, Hojjettoonni mootummaa fi Hoggansi Aanaalee godinichaa 6 irraa walitti babba’an hirmaachuu ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Godinichaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment