Godina Gujiitti Guyyaa Harka Dhiqannaa Addunyaa dhaadannoo Qulqullinni Harkaa Hundaaf jedhuun qaamoolee gara garaatii magaala Adoolaa Woyyuutti Kabajame

Finfinnee, Muddee 24, 2013 (FBC) – Godina Gujiitti Guyyaa Harka Dhiqannaa Addunyaa dhaadannoo Qulqullinni Harkaa Hundaaf jedhuun qaamoolee gara garaatii magaala Adoolaa Woyyuutti Kabajame.
Harka keenna yeroo hundaa sirritti bishaanii fi saamunaan dhiwachuun dhukkuboota dadarboo hedduu hir’isuu akka danda’amu Hogganaa Qajeelcha Eegumsa Fayyaa Godina Gujii obbo Tasfasyee Bariisoo himaniiru.
Nyaata duraa fi booda harka dhiqachuu fi mana fincaanii ergaa fayyadamaniin booda harka keenna sekendii 40-60 dhiqachuun dhibeewwwaan dadarboo karaa kanaan dhufu ofirraa ittisuu akka danda’amu obbo Tasfasyeen dubbataniiru.
Harka dhiqachuu aadaa godhachuun fayyaa dhunfaa fi maatii keennaa eeguun barbaachisaa ta’uusaatiin qaamni hunduu qulqullinna ofii eeggachuun gahee ofii dursanii bahuun namoota biraalle barsiisuuf xiyyeeffannaan hojjatamuu akka qabu Abbootii Gadaa akeekkachiisaniiru.
Akka Waajjirri Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Gujii beeksisetti, Kabaja Guyyaa Harka dhiqanna Addunyaa kanarratti Abbootii Gadaa, Abbootii Amantaa , jaarsolii biyyaa fi ogeeyyota waajjiraalee eegumsa fayyaa Godinaa fi aanaa irratti hirmaataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment