Finfinnee, Adoolessa 20, 2014 (FBC) – Godina Gujii Lixaatti qindoomina humnoota nageenya garee shororkeessaa shaneerratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuun ibsame.
Raayyaa Ittisa Biyyaatti Ajajan Kutaa Waraanaa 94 Koloneel Taaddasaa Guutamaa, humni nageenya qindoomaan garee shororkeessaa shanee balleessuuf tarkaanfii fudhachaa jiraachuu himaniiru.
Humni waloo nageenyaa miseensoota garichaa Godina Gujii Lixaatti bakkoota adda addaatti faffaca’anii jiran duguugee baasuuf gahumsaa gahaa qaba jedhanii, sochii garecha dhaabuuf hirmaanaa hawaasaa godinichaan hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu eegalamee bu’aa argamsiisaa jiraa jedhaniiru.
Gama biraatiin, jiraatoonni aanichaa hoggantootaa humnoota nageenyaa Federaalaa, Naannoo fi Godinichaa waliin marii gaggeessaniin, jiraattoonni Aanaa Galaanaa tarkaanfii humnoonni nageenyaa qindoominaan garee shororkeessaa Shaneerratti fudhachaa jiran waan barbaachisaan kan deeggaran ta’u himan.
Gareen kun hunda caalaa diinaa Oromoo ta’uu himaniiru.
Kanneen garechaaf galaa fi hidhannoo dhiheessan saaxiluun seeratti akka dhihaatan taasisuuf gahee isaanii kan bahan himan.
Maddi:-TOI
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.