Godina Gujii Lixaa magaalaa Bulee Horaatti waltajjiin marii nageenyaa gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 19, 2013 (FBC) – Godina Gujii Lixaa magaalaa Bulee Horaatti waltajjiin marii nageenyaa bakka buutoota jiraattoota godinichaa hirmaachise gaggeeffame.

Waltajjii marii nageenyaa kana Abbootii Gadaa fi bulchiinsa godinichaatu waliin ta’uun qopheesse.

Bulchaan godina Gujii Lixaa obbo Tafarii Wandifraaw haasaa taasisaniin ABO Shaneen garee ABUT biyya diiguuf tattaafataa jiru cinaa dhaabbachuun ummata godinichaa dararaa jira jedhan.

ABO Shaneen labsii abbootiin Gadaa kanaan dura baasan bira taruun uummanni godinichaa akka sodaatuu fi mataa gadi qabatu ajjeesaa fi gidiraa irraan ga’aa jira jechuun dubbatan.

Jiraattoonni godinichaa murtii abbootii Gadaa fudhatan shanee adamsuu, tarkaanfii irratti fudhachuu fi qabanii qaama nageenyaatti kennuudhaan hojii gaarii hojjetan jiru jedhan.

Waraana ABUT labse hordofuudhaan, shaneen ajjeechaa, saamichaa fi yaalii caasaa mootummaa diiguuf yaaluun muul’achaa jiraachuu eeruun, gochaa kun ummanni godinichaa qabeenya isaatti akka hin fayyadamnee fi hiyyummaa keessatti akka hin bane kan taasiisuudha jedhan.

Waajjira Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa irraa waltajjicharratti kan argaman obbo Abrahaam Aduulaan gama isaaniitiin ummanni godinichaa labsii abbootii Gadaa kabajuun shanee garee ABUT waliin ta’uun ummata Oromoo xiqqeessuuf tattaafataa jiru balleessuu qaba jedhan.

Abbaan Gadaa Jiloo Maandhoo gama isaanitin qaamni shiftoomee ummata dararaa jiru nagaadhaan harka laachuun daandii neegeenyaatti akka makamu waamicha dhiyeessaniiru.

Kan gorsaa fi waamicha nageenyaa abbootii gadaa hin fudhannemmoo ummanni bakka jiruutti qaamoolee ummata dararaa jiran qabee qaama seeraatti akka dhiyeessu hubachiisaniiru.

Bizu’aalam Beenyaa

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Comments (0)
Add Comment