Godina Gujii Aanaa Gooroo Doolaa fi Aanaa Annaa Sorraatti Gocha ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaarratti Raawwatanii hiriira bahuun Balaaleffatan

Finfinnee, Sadaasa 3, 2013 (FBC) – Godina Gujii Aanaa Gooroo Doolaa fi Aanaa Annaa Sorraatti Gocha ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaarratti Raawwatanii hiriira bahuun Balaaleffatan.

Gocha gara jabummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fi hawaasa nagayaa irratti iddoo adda addaatti humna finxaalessummaa ABUT raawwatamaa turee Fi raawwatamaa jiru balaaleffachuuf qaamolee adda addaa waliin hiriira bahuun badii isaan dalagaa turan balaaleffataniiru.

Hiriira kanarratti dhaadannoowwaan adda addaa kanneen akka woyyaanee Fi shaneen diina ummata Oromooti, yakka ABUT Raayyaa keennarratti raawwatane cimsinee ni balaaleffanna, yakkamtootni seeratti hanga dhihaatanitti mootumma cinaa ni hiriirrajedhaniiru.

Waajjira Paartii Badhaadhinna Godina Gujiitti Itti Gaafatamaa Damee Siyaasa obbo Kiflee Waaree saamtuu fi gamtuu ABUT kani yeroo adda addaa jeequmsa karaa ergamtoota isaaniitiin biyya kana jeeqaa turaniiru jedhan.

Bulchaa Aanaa Gooroo Doolaa obbo Abarraa Gambeellaa gantuu juntaa biyya sabaa fi sablammiin ijaarramte diiganii ol aantummaa Saba Tokkootiin dhunfachuuf Jecha biyya diigurratti hirmaatan garee ABUT yeroo dhumaatiif mootummaan ummataa fi namoota biyya jaallatan woliin ta’uun tarkaanfii dhumaa fudhachaa jiruun hawaasni keenna mootummaa cinaa dhaabbachuu isaa fi gocha farreen badii kana balaaleffachuuf hiriira kana irratti hirmaachuun sagalee dhageessisuu isaaniitiin galateenfataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

Comments (0)
Add Comment