Finfinnee, Sadaasa 28, 2015 (FBC) – Godina Goofaa aanaalee sadiitti namoota kuma 155 ol deeggarsi nyaataa hatattamaa akka barbaachisuun Waajjirri Hoggansa Sodaa Balaa Godinichaa beeksise.
Itti Gaafatamtuun Waajjirichaa Aadde Wubaalam Zinaachoo, godinicha aanaalee Zaalaa, Ubaa Dabratsahaay fi Dambaa Goofaatti sababa jijjiramaa qabeenya qilleensaan oomishni qonnaa waan hir’ateef miseensonni maatii kuma 155 fi 248 deeggarsa nyaataa hatattamaaf saaxilamuu dubbataniiru.
Waajjirichi deeggarsaaf Birrii miiliyoona 1.4 walitti qabeen bittaa midhaan deeggarsaa raawwachuun miidhamatootaaf deeggarsi akka dhiyaatu murtaa’uu ibsaniiru.
Bulchiinsi Godinichaa, dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa garaagaraa, abbootii qabeenyaa hirmaachisuun hawaasaaf miidhameef deeggarsa dhiyeessuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Deeggarsi dhiyaachaa jiru baay’ina miidhamtootaan yoo walbira qabamu gadaanaa waan ta’eef, lammiileen Ityoophiyaa hundi deeggarsa akka taasisu waamichi dhiyeeteera.
Maatiwoos Fallaqaatu gabaase
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.