Godina Goofaatti lammiilee sigiga lafaan miidhamaniif deeggarsi Birrii miiliyoona 5 taasifame

Finfinnee, Adoolessa 28, 2016 (FBC)-Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Godina Goofaatti lammiilee balaa sigiga lafaan miidhamanii fi buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 5 taasiseera.

Dabalataan miseensonni Mana marichaa fi hoggantonni Waajjira Mana Marichaa Birrii kuma 340 taasisuu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

Deeggarsicha kan fuudhan Bulchaan Godina Goofaa deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment