Finfinnee, Adoolessa 24, 2014 (FBC) – Godina Giddu Gala Goondar Aanaa Xagadeetti namicha daa’immaan 6 haala sukaneessaan ajjeeserratti tarkaanfiin fudhatamuu Waajjirri Buulchiinsaaf Nageenyaa aanichaa beeksiseera.
Qaamoleen nageenyaa hawaasa waliin qindaa’uun nama dhuunfaa daa’immaan 6 haala sukaneessaan ajjeessuun nageenya hawaasaa booreessaa ture kanarratti tarkaanfii fudhachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaaf Nageenyaa aanichaa Obbo Lamlamee Axannaaw ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.