Godina Gaamootti Rooba cimaa roobuun jijjigoon namaa fi qabeenyarra miidhaa qaqqabsiise

Finfinnee, Fulbaana 15, 2013 (FBC) – Godina Gaamootti Rooba cimaa roobeen Jijjigoon lubbuu namaa fi qabeenyarra miidhaa qaqqabsiisuu ibsame.
Jijjigoo uumameen lubbuun namoota 3 yoo darbu, nama tokko irra miidhaa cimaan qaqqabeera.
Aanaa Qoogootaa ganda Ooteetti balaa kanaan abbootiin warraa 21 fi miseensonni maatii 176 qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu Waajjirri Hoggansa Sodaa Balaa godinichaa ibseera.
Akkasumas aanaa Quuccaa ganda Shooccooraattis manneen jireenya dhidhimuun abbootiin warraa 5 maatii 25 waliin qa’ee fi qabeenya isaanirra buqqa’aniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment