Godina Gaamootti balaa konkoolaatatiin lubbuun namoota 8 darbe

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2012 (FBC) – Godina Gaamootti balaa konkolaatatiin lubbuun namoota 8 darbe.

Konkolaataan ummataa Miinibaasii jedhamu imaltoota fe’ee aanaa Garasee irraa gara magaalaa Aarbaa Mincitti osoo imalaa jiruu garagaruun lubbuun namoota 8 darbuu ajajaan Waajjira Poolisii godina Gaamoo obbo Rattaa Takluu himaniiru.

Namoota 13 irraa ammoo miidhaan qaamaa cimaa fi salphaan qaqqabeera.

Kanneen miidhaan irra ga’e Hospitaala Waliigalaa Aarbaa Mincitti yaalamaa jiru jedhan.

Ka’umsi balichaas qoratamaa jiraachuu ajajaan kun himaniiru.

Comments (0)
Add Comment