Godina Buunnoo Beddelleetti Hiriirrii deeggersaa bahame

Finfinnee, Sadaasa 3, 2013 (FBC)- Godina Buunnoo Beddelleetti Hiriirrii deeggersaa bahame.

Qaamoleen hawaasaa Godina Buunnoo Beddellee Murni ABUT gochaa gara jabinaa Raayyaa Ittisa Biyyaa irratti raawwate kan balaaleffatan ta’uu himaniiru.

Namoonni hiriira kanarrattii hirmaatan waan qabaniin, Raayyaa Ittisa biyyaa bira kan dhaabbatan ta’uu himaniiru.

Qaamota maqaa diyaaspooraan biyya alaa taa’anii biyya kana diiguuf socha’aa jiranis balaaleffataniiru.

Humna Maqaa ABO-shaneen bakkeewwan gara garaattii ajjeechaa raawwachaa jiran kan balaalleffatan ta’uus dubbataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

Comments (0)
Add Comment