Godina Buunnoo Beddelleetti bara kana muuzii sanyii fooyya’aa kuma 80 ol kilaasteraan misoomsuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2014 (FBC)- Godina Buunnoo Beddelleetti bara kana muuzii sanyii fooyya’aa kuma 80 ol kilaasteraan misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Jilli Bulchaa Godina Buunnoo Beddellee Obbo Amaan Danuutiin durfamu aanaa Daaboo Haannaatti dargaggoota waldaan gurmaa’uun muuzii kilaasteraan misoomsaa jiran jajjabeesseera.

Obbo Amaan bara kana aanaalee godinichaa 4 keessatti muuzii kumni 80 ol misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Dargaggoonni aanaa Daaboo Haannaa muuzii sanyii fooyya’aa kuma 21 ol kilaasteraan dhaaba jiraachuu himan.

Bulchaan aanaa Daaboo Haannoo Obbo Tamasgeen Tashoomee gama isaaniitiin Muuziin sanyii fooyya’aa kun yeroo gabaabaa keessatti faayidaa guddaa kan kennu waan ta’eef xiyyeeffannoon kunuunsa barbaachisaadha jedhaniiru.

Deeggarsa barbaachisuu taasisuun waldaaleen keenya faayidaa gama kanaan argachuu qaban akka argatan gochuuf xiyyeeffannoon ni hojjenna jedhan.

Dargaggoonni hojii kana irratti bobbaa’an akka jedhaniitti misooma midhaanii biroo cinatti kuduraa fi muduraa misoomsuun galii keenya guddisuu keessatti shoora olaanaa qaba waan ta’eef of jijjiruuf xiyyeeffannoon hojjetaa jirra jechuusaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaarra argame ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment