Godina Booranaatti waktii gannaa kanaan qamadii hektaara kuma 12 facaasuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 20, 2014 (FBC) –Godina Booranaatti waktii gannaa kanaan qamadii hektaara kuma 12 facaasuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksisee jira.

Hojiin kunis Godina Booranaa Aanaa Taltalleetti bakka bulchaan Godina Booranaa Obbo Jaarsoo Boruu argamanitti jalqabamee jira.

Horsiisee bultoonni aanaa Taltallee ganda Bulee Kormaa hojii qonnaa kanarratti hirmaatan kanaan dura hubannoo waan hin qabneef dadhabbii malee callaa gaarii akka argachaa hin turre himuun, amma hubannoo argataniin hojii kanarratti si’oominaan hirmaachaa jiraachuu dubbatan.

Aanaa Taltalleetti qamadii lafa heektaara kuma 5 facaasuuf lafti qophaa’ee hojiin jalqabamuu Bulchaan Aanaa Taltallee Obbo Abduuba Konsoo himanii jiru.

Hawaasni horsiisee bulaa horsiisa loonii cinaatti qonnarratti akka hirmaatuuf hubannoo kennuun bara kana lafa heektaara kuma 96 keessaa lafa hektaara kuma 12 qamadii facaasuun jalqabamee jiraachuu I/Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Booranaa Obbo Mohamad Abbaaqodaa himan.

Bulchaa Godina Booranaa Obbo Jaarsoo Boruu Mootummaan jiruuf Jireenya hawaasa horsiisee bulaa jijjiiruuf qonna irratti xiyyeeffatee hojjetaa jiraa, kana milkeessuuf ammoo Bulchiinsi Godina Booranaa xiyyeeffannoo addaatiin ni hojjata jedhan.

Biiroo Qonnaa Oromiyaatti qindeessaa proojektii misoomaa jal’isii Obbo Bariisoo Fayyisaa Mootummaan Naannoo Oromiyaa Kaayyoowwan Wabii nyaataa mirkaneessuu, qamadii alaa galu hambisuu, qamadii gara biyya Alaatti erguu fi qonna irratti carraa hojii uumuu qabatee hojjachaa jira jedhan.

Dhiyeessiin galteewwan qonnaas yeroon uummata bira akka qaqqabu ta’ee jiras jechuusaanii ragaan BDHKMNO irra argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment