Godina Booranaatti piroojektii bishaan boolla baasuuf waliigalteen Birrii miiliyoona 136 mallatta’e

Finfinnee, Eebla 21, 2015 (FBC) -Ministeerri Bishaanii fi Inarjii Naannoo Oromiyaa Godina Booranaa aanaalee lama keessattii piroojeektii bishaan bollaa gadii fagoo qotuuf waliigaltee Birrii miiliyoona 136 mallateesse.

Piroojeektichis liqii Baankii Addunyarraa argamen kan hojjetamuu yoo ta’uu ,qotiinsaa bishaanicha kan raawwatuu Koorporeeshinii Ijaarsaa Oromiyaa akka ta’ee ministeerichi ibseera.

Ministir Deetaan Ministeera Bishaanii fi Inarjii Ambaasaaddar Asfaw Diingamoo fi Ittii Aanaa Hojii raawwachisaa Korpooreeshinii Ijaarsaa Oromiyaa Obbo Kiiflee Lammaa waliigalticha mallatteessaniiru.

Piroojeektichi godina Booranaatti hongee irra deddeebiin mudatu dandamachisuuf qooda olaanaa qabaachuu Ambaasaaddar Asfaaw ibsaniiru.

Itti Aanaan Hojii raawwachisaa Koorpooreshinii Ijaarsaa Oromiyaa Obbo Kiflee Lammaa gamasaaniitin piroojeektii kana yeroo jedhame keessatti xumuranii tajaajilaaf kan oolchan ta’uu himuu ragaan Ministeera Bishaanii fi Inarjiirraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment