Godina Booranaatti loon kanaan dura Birrii kuma 40tti gurguramaa turan yeroo amma kana Birrii 500tti gurguramaa jiru

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2014 (FBC)- Sababa hongeetin rakkoon gabaa beeyladaa nu qunname xiyyeeffannaa barbaada jedhan Horsiisee bultoonni Godina Booranaa.

Goddinichatti hongee mudateen beeyladoonni hanqina margaa fi bishaaniin du’aa jiran heddu ta’uu kan himan horsiisee bultoonni kunneen loowwan harkatti hafan du’arraa baraaruu fi nyaata namaa fi beeyladaa bitachuuf beeylada gabaa baasan gatii dadhabii isaanii kan hin madaallee ta’uu himaniiru.

Wayita ammaas loon kanaan dura Birrii kuma 40tti gurgurachaa turan Birrii 500 hanga 800tti gurguraa akka jiran himaniiru.

Tuutnii gaazeexeesitoota Faanaa Broodkaastiing Koorporeet gabaa aanaa Dubulluqitti argamuun gatii beeyladootaa ilaaluuf yaaleera.

Kanaaniis loowwan Birri 500 hanga Birrii kuma 2tti gurguuramaa akka jiran taajjabeera.

Gatiin loonii kun dadhaabbii keenyaan kan wal hin gitneefi qaala’insa gatii meeshaalee waliin yoo ilaalamu jireenya nutti cimseera jedhan horsiisee bultoonni dubbifne.

Gatii dhabuuniis beeyladoota dadhabbii hedduun gabaan geenye gatnee biraa galuuf dirqamneerras jedhan.

Sababa hongeen hanqinni nyaata loonii fi bishaanii gabaan loonii akka gadi bu’uuf sababa ta’uu kan himan Oggeessi gabaa Waajjira daldala Aanaa Dubulluq obbo Dassaalany Abbaayinaa akka jedhanitti miidhama beeyladoota irra gaheen daldaltoonni fedhii bituu akka hin qabne kaasaniiru.

Waajjira  daldala Godina Booranaatti  Qindeessaan Oddeeffannoo fi promooshinii Obbo Qaraarsa Dheeraa rakkoo gabaa beeyladaa furuuf dhaabbilee barnoota olaanoo waliin walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf yaalamuus hanga yaadame milkaa’aa miti jedhaniiru.

Rakkinicha furuuf oddeeffannoo gabaa dabarsinus rakkoon muudate cimaa waan ta’eef qaamoleen qooda fudhatootaa hundi akka tumsan gaafataniiru.

Muuluu Waaqshuumeetu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment