Finfinnee, Gurraandhala 14, 2015 (FBC) – Godina Booranaatti lammiileen hongeen miidhaman kumni dhibbi 2 fi kumni 63 ol deeggarsa namoomaa argachaa kan hin jirre ta’uu Bulchiinsi godinichaa beeksiise.
Namoota deeggarsi barbaachisu kuma 867 keessaa kumni 604 deeggarsa argachaa kan jiran yoo ta’u, namoonni kumni 263 ta’an garuu kanneen deeggarsa hin argannee fi deeggarsa barbaadan ta’u Bulchaan Godina Booranaa Obbo Jaarsoo Boruu FBC’tti himaniiru.
Hongee rooba waqtii shanii dhabuun mudate kanaan horsisee bultootnii godinichaa kuma dhibba 3 fi kuma 78 ol ta’an qa’ee isaaniirraa buqa’anii giddu gala buqqaatoota hongee 21 keessatti deeggarsi taasifamaafi jiraachuus himaniiru.
Deeggaramtoonni giddu gala Dubluqitti argaman deeggarsi Dhaabbilee mit -mootummaafi dhuunfaan taasifamaa jiraatuus baayyina namoota deeggarsa barbaadanii waliin yoo ilaalamu gahaa akka hin taane himaniru.
Loowwan qabaniis gutummatti hongeen dhumuu eeruun, midhaan kun lubbuu namaatti akka hin ceene lammiin hundi akka tumsu gaafataniiru.
Godinichatti Roobni Hagayyaa fi Gannaa jedhamuu waggaatti si’a lama roobu waqtilee shaniif roobu dhabuu isaaniin hongeen mudachuun ni yaadatama.
Muluu Waaqshumee, Taarikuu Laggasaafi Almaaz Makonnintu gabaase.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.