Godina Booranaatti ijaarsi proojekti jallisii bishaan lafaa jalaa Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 53 akka eegalu

\Finfinnee, Gurraandhala 11, 2014 (FBC)- Godina Booranaatti ijaarsi proojekti jallisii bishaan lafaa jalaa Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 53 akka eegaluu ibsameera.

Ministir Deetaan Ministeera Jallisii fi naannoo Gammoojjii Dooktar Birhaanuu Leenjisoon deeggarsa maallaqaa baankii addunyaarra argamuun dhimma ijaarsa proojektichaarratti hoggantoota baankichaa waliin mari’ataniiru.

Marichaarratti baankii addunyaa Afrikaa bahaatti qindeessaan sagantaa bishaan lafa jalaa Viiktoor Vaaskuweezii fi Baankii addunyaatti bakka bu’aan Ityoophiyaa obbo Wandasaan Fallaqaa dabalatee qaamoleen ilaallatuu biroon argamaniiru.

Dooktar Birhaanuun Booranni irra deddeebiin yeroo hedduu hongeen kan miidhamuu fi fedhiin misoomaa olaanaa kan qabu ta’uu ibsuun, deeggarsa Baankii addunyaatin hojiirra kan ooluu proojektichi waajjirri Ministeerichaa deeggarsa barbaachisaa taasisuun aaritiin hojii akka eegaluu ni taasisaa jedhaniiru.

Viiktoor Vaaskuweezii gama isaaniin, proojektiin kun godinichatti aanoolee afurii fi kilaasteroota 7 keessaatti kan eegaluu yoo ta’uu, lafaa heektara 205 akka uwwisuu himaniiru.

Proojektichaaf baasiin Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 53 ramadameera jedhan.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Comments (0)
Add Comment