Godina Booranaatti duulli kunuunsa qabeenya uumamaa eegalame

Finfinnee, Mudde 13, 2016 (FBC)- Godina Booranaatti lafa adda baafame heektaara kuma 97 fi 108 irratti duulli kunuunsa qabeenya uumamaa gaggeeffamuu jalqabsiifameera.

Bulchaa Itti Aanaa Godina Booranaa Obbo Bariisoo Gannoo Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetiif akka ibsanitti, yeroo ammaa aanaalee akka El Woyyee, Dilloo, Dirree fi Aanaa Yaaballootti hojiichi eegalameera.

Aanaaleen hafan ammoo torban dhufu duulicha kan eegalan ta’uu himaniiru.

Godina booranaatti hongee mudatee tureen miidhan naamaa fi qabeenyaa mudachuu yaadchiisanii horsiisee bultoonnis hojii kunuunsa qabeenya uumamaa kanarratti xiiqiin hirmaachaa jiraachuun eerameera.

Bulchaan Godinichaa Obbo Abdusalaam Waariyoo gama isaaniin hawaasa hojiirratti hirmaachaa jiru galateeffachuun qabeenyi uumamaa kan dhalootatti darbuu waan ta’eef xiyyeeffannaan hojjetamuu akka qabu dhaamaniiru.

Addis Taammiraatii fi Kululaa Garbichaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment