Godina Booranaatti damee albuudaatiin namoota kuma 15 oliif carraan hojii uumame

Finfinnee, Eebila 5, 2014 (FBC) – Godina Booranaatti damee albuudaarraa galiin Birrii miiliyoona 7 olii fi carraan hojii namoota kuma 15 oliif uumamuusaa ibsameera.

Fooramii Albuudaa Godina Booranaatti gaggeeffamerratti akka ibsametti damee Albuudarraa carraan hojii dhaabbii fi yeroo namoota kuma 15 fi dhibba 6 olii fi galiin Birrii miiliyoonni 7 fi kuma 78 fi dhibba 5 ol argamuu ibsameera.

Baatiwwan salgan dabranitti damee albuudaa keessatti carraan hojii bal’aa kan uumame  ta’uu fooramichaan ibsameera.

Bulchaa Itti Aanaan Godina Booranaa obbo Abdisalaam Waariyoo akka jedhanitti, qindoominna hawaasaa, sektaraalee dhimmi ilaallatu, dhaabbilee garaagaraa fi Abbootii qabeenya cimsuun rakkoolee damee kana keessatti mul’atan kan sirratu ta’uu ibsaniiru.

Hojii hordoffii fi to’annoo albuudaa cimsuun qabeenya Godinichaa kanarratti hawaasi naannoo fi biyyi akka irraa fayyadamuuf kan hojjetamu ta’uus kaasuusaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarra argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment