Godina Booranaa Baha, Baalee Bahaa fi Shawaa Bahaattii hojiileen misoomaa daawwataman

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2016 (FBC)- Godiinaalee Booranaa, Baalee Bahaa fi Shawaa Bahaatti Shawaa Bahaatti hojiileen misoomaa garagaraa daawatamaniiru.

Daawwannaa Godinaa Shawaa bahaattii taasimerrattii Bulchaa Godinichaa Obbo Abbaabbuu Waaqoo dabaltee keessummoonni biroon hirmaataniiru.

Godinaichaa aannaalee Gimbichuu fi Luumeetti daawwannaa taasifameen misooma qamadii lafa heektara kuma 750 irratti misoome, Mana barumsaa bu’uura boruu, goda hambaa fi hojiilee innisheetiviiwwan biroon hojjetaman daawwatamaniiru.

Haaluma walfakkaatuun Godina Boorana Bahaatti hojiilee misooma garaa garaa qaamolee hawaasaa garaa garaan dawwatamaniiru.

Godinichatti Qamadii Bonee rooba Hagayyaa fi jallisiin misoomaa jiran kan daawwataman yoo ta’u, jijjiiramaa asitti hojiiwwan misoomaa garaagaraa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiran abdachiisaa ta’uu hirmaattoonni daawwannichaa kaasaniiru.

Dabalataan, Godina Baalee Bahaatti Daawwannaan Hojiiwwan Misoomaa Qaamolee hawaasaa adda addaa hirmaachise gaggeeffameera.

Daawwannaa kanaan pirojektii mana barumsaa Ifa Boruu dabalatee hojiiwwan Aanota Godinichaa garaagaraa keessatti hojjetaman daawwatamaniiru.

Dassaalany Abarraa fi BKO

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment