Godina Booranaa Aanaa Taltalleett, hojiin misooma sululaa eegalame

Finfinnee, Muddee 15, 2014 (FBC) – Godina Booranaa Aanaa Taltalleett, hojiin misooma sululaa bara kanaa eegalame.
Akka Aanichaatti bara kana lafa hektara kuma 23 irratti hojii misoma suluulaa hojjachuuf karoorfame akka jiru Itti Gaafatamaan Waajira Qonnaa Aanaa Taltallee obbo Biraanuu Amaaree himanii jiru.
Bulchaan Aanaa Taltallee obbo Guyyoo Qaallichaa, hojiin misooma sululaa bakka garaagaraatti karoorfatanii akka hojjachaa jiran dubbachuun, manneen barnoota dabalatee bakka kunuunsii isaanii mijatutti akka hojjatanii himanii jiru.
Hojii misooma sululaa bara dabre hojjetamerraa fayyadamoo ta’uu jiraattoonni aanichaa ibsuu isaanii OBN gabaaseera.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment