Godina Booranaa aanaa Dirreetti miseensonni Shanee 26 to’ataman

Finfinnee, Muddee 14, 2014 (FBC)- Godina Booranaa Aanaa Dirreetti miseensonni Shanee  26 to’atannaa jala ooluu Bulchaan Godina Booranaa Obbo Jaarsoo Boruun himaniiru.

Oppireeshinii gurma’insi gaachana sirnaa fi qaamolee nageenyaa torbee lamaan darbanitti taasisaniin Aanaalee Godina Booranaa Mooyyale, Miyoo, Dirree, Dubuluqi, Goomolee, Bulchiinsa Magaala Yaaballootti Miseensooni shanee fi ABUT 453 ol ta’atamuu obbo  Jaarsoo Boruu himan.

Miseensoota shanee fi ABUT qabaman 453 kana keessaa 123 Miseensoota Shanee yoo ta’an, 330 immoo Miseensoota ABUT  ta’uu himaniiru.

Miseensa waraana shanee 123 to’ataman tana keessaa 26 sakata’iinsa taasifameen Aanaa Dirreetti qabamuun to’atamuu isaanii  ragaan waajjira kominikeeshinii godina Booranaarra argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment