Godina Boorana Bahaatti nyaanni beeyladaa tooniin kuma 300 ol walitti qabamuun ibsame

Finfinnee, Mudde 16, 2016 (FBC)- Godina Boorana Bahaatti nyaanni beeyladaa tooniin kuma 300 fi 947 hirmaannaa horsiisee bultootaan walitti qabamuu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksise.

Waajira Qonnaa Godinichaatti Ogeessi Misooma Nyaata Beeyladaa Obbo Waariyoo Boruu akka ibsanitti, hanqina nyaata beeyladoota godinichatti mul’atu ofiin of dandamachisuuf hojiileen garaagaraa hojjetama jiraachuun eerameera.

Baranas nyaata beeyladaa toonii miiliyoona 1 walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiruu eeranii, hanga ammattis toonii kuma 300 fi 947 hirmaannaa horsiisee bultootaan walitti qabuun akka danda’ame ibsuu TOI gabaaseera.

Nyaanni beeyladaa walitti qabamees beeyladoota kuma 477 ol fayyadamoo kan taasisuudha jedhan.

Gama biraatiin bonaa baranaaf kan qophaa’an baankiiwwan bishaanii 360 guutamuu Wajjirichatti Dursaan Garee Qabeenya Uumamaa Obbo Aliyyee Arabaa ibsaniiru.

Baankiiwwan bishaanii kunneen tajaajilaaf yoo oolfaman hawaasaa naannawichaa fi beeyladoota hedduu fayyadamtoota akka taasisu himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment