Godina Boorana Bahaatti hiriirri deeggarsaa injifannoo fi milkaa’ina jijjiiramaan argame itti fufsiisuu gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 24, 2015 (FBC)- Godina Boorana Bahaatti hiriirri deeggarsaa injifannoo fi milkaa’ina jijjiiramaan booda argame itti fufsiisuuf kaayyeffate Magaalaa Nageellee Booranaatti gaggeeffame.

Hiriirri deeggarsaa injifannoo fi milkaa’inoota Bitootessa 24, 2010 asitti argaman itti fufsiisuuf xiyyeeffate kanarratti dhaadannoo ”Injifannoo jijjiiramaan arganne itti fufsiisuun badhaadhina hundagaleessa ni mirkaneessina” gaggeeffameera.

Bitootessi 24 guyyaa tokkummaan sabdaneessummaa itti jabaate cancalli garbummaa itti ciccite akka ta’e ibsameera.

Gaggeessummaa hooggansa jijjiiramaa Mummicha Ministeeraa Dr Abiy Ahimadiin, biyyi qamadii deeggarsaan alaa galchaa turte har’a qamadii biyya alaatii erguu eegalte uumuun danda’ameera; kunis bu’aa hooggansa jijjiiramaa dhiigaa fi lafee uummata Oromoofi sabaafi sablammootan argame ta’uun himameera.

Bu’aa injifannichaan argamerraa caalamaan fayyadamuuf kutannoon akka hojjetan hormaattonni hirirrichaa dubbachuu ragaan kominikeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment