Godina Beenchii Shaakkootti tatamsa’inni dhibee Busaa sadarkaa yaaddeessarra ga’uu ibsame

Finfinnee, Eebila 28, 2014 (FBC) – Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa Godina Beenchii Shaakkootti tatamsa’inni dhibee Busaa sadarkaa yaaddeessarra ga’uu Biiroon Fayyaa naannichaa beeksise.
Godinichatti qorannoo Baatii Amajjii, 2014 kaasee gaggeeffameen ammeentaa dhibee Busaan qabamuu % 49 ga’uu ogeessi damichaa godina Beenchii Shaakkoo obbo Isheetuu Waldamikaa’eel ibsaniiru.
Tatamsa’inni dhibee kanaa aanaalee Miizan Amaanii fi Gurrafardaatti haalan dabalaa jiraachuu fi magaalaa Miizan Amaaniitti ammeentaan dhibichaan qabamuu % 64 qaqqabee eeraniiru.
Gurraafardaatti ammoo % 69 qaqqabuu eeraniiru.
Bara 2014 keessa qofa namoonni kumni 15 fi 378 dhibichaan qabamuu isaanii eereera.
Godinaalee naannichaa 3 keessa tatamsa’inni dhibee Busaa jiraatuus, kan godina Beenchii hammaataa ta’uu Itti aanaa Hogganaan Biiroo Fayyaa naannoo Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa obbo Hayilee Zawdee eeraniiru.
Tasfaayee Mirreessatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment