Godina Baaleetti Yaa’iin abbootii Alangaa Marsaa 2ffaan magaalaa Gobbaatti gaggeeffame

Finfinnee, Adoolessa 24, 2014 (FBC) – Godina Baaleetti Yaa’iin abbootii Alangaa godina Baalee Marsaa 2ffaan magaalaa Gobbaatti taa’eme.

Yaa’ii kana sababeeffachuun jilli Itti aanaa Hogganaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa obbo Baatrii Fufaa fi Bulchaa godina Baalee obbo Abdulhakiim Aliyyiitiin durfamu magaalaa Goobbaatti biqilttuu Ashaaraa Magariisaa dhaabaniiru.

Itti aanaa Hogganaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa obbo Baatrii Fufaa, mootummaan hawaasni haqni isaa osoo hin dabin haqa isaa akka argatuuf xiyyeeffannaa guddaa kennee hojjetaa jira jedhan.

Waajjiraaleen abbaa alangaa aanaalee fi kan godinaas qaamoolee qooda fudhattootaa wajjiin qinddoomanii kana caalaa akka hojjetanis dhaamaniiru.

Qaamolee milkaa’ina hojii waajjiraalee abbootii Alanggaatiif tumsa gochaa turaniifi hojjetoota adda duree ta’aniif beekamtii fi badhaasni garagaraas kennamuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment