Godina Baaleetti paampiiwwan bishaanii 220 waldaalee 120’f  kenname

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2014 (FBC) –Eeggattummaa roobaa malee itti fufiinsaan oomishuuf misooma jallisiitti gargaarramuun murteessa ta’uu isaan  mootummaan naannoo Oromiyaa meeshaalee galtee qonnaatif oolan irratti xiyyeeffachuun hojjachaa jiraachuu ibsameera.

Hojiiwwan gama kanaan naannicha keessatti waggoottan lamaan darban keessatti  hojjatamaa tureenis bu’aan gaariiin muul’achuu danda’eera.

Naannoon Oromiyaa Paampiwwan bishaanii hedduu qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa waldaadhan gurmeessuun raabsaa kan ture yoo ta’uu,yeroo ammaattis Godina Baaleetti paampiiwwan 220  waldaalee 120f kennameera.

Godina Baaleetti jallisiidhan lafa hektaara kuma 10 fi 500 misoomsuuf karoorfamee hojjatamaa jiraachuu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment