Godina Baaleetti oomishaa fi Oomishtummaa Bunaa dabaluuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 19, 2014 (FBC) – Godina Baaleetti oomishaa fi Oomishtummaa Bunaa dabaluuf Biqiltuu Bunaa fooyyaa’aa miiliyoona 13.2 ol dhaabuuf qophiin taasiifamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksiiseera.
Gosa Biqiltuu oomisha fooyya’aa laatuu fi dhibee dandamachuu danda’u giddu gala qorannoo qonnaarraa argame qopheessaa jiraachuu dursaan garee misoomaa fi qulqullina Bunaa fi Mi’eessituuwanii waajjirichaa obbo Wandawasan Naggaan ibsaniiru.
Biqiltuun Bunaa waqtii Gannaa dhaabbatu buufataalee mootummaa fi dhuunfaa kuma 1 fi 500 irratti qophaa’aa jiraachuu himaniiru.
Biqiltuun Bunaa waqtii Gannaa dhaabbatu kun kanneen giddu gala qorannoo qonnaarraa argame gosa 15 ta’uu eeraniiru.
Bara 2014 Baatii Eebilaa eegalee lafa hektaara kuma 2 fi 690 irratti biqiltuu Buna dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Sochii qophii fi kunuunsa biqiltuu Bunaa kanarratti qonnaan Bultoonni kumni 24 hirmaachaa jiraachuu himaniiru.
Naannoo Oromiyaatti bara kana biqiltuu biiliyoona 1.6 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Itti aanaa Hogganaa fi qindeessan misooma Bunaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Mahmmadisaanii Amaan dubbataniiru.
Hanga ammaatti Godinaalee naannichaa misooma Bunaaf oolaan 18 keessatti biqituu Bunaa dhaabuuf biqiltuun Biiliyoonni 1.4 qophaa’uu kaasaniiru.
Godinaalee kanneen keessatti lafa hektaara miiliyoona 2.2 irra Biqiltuu Bunaa dhaabbatee jiru keessaa kan lafa hektaara miiliyoona 1.3 irra jiru oomisha laachaa jiraachuu ragaan Biiroo Qonnaa Naannoo Oromiyaarraa argame ni muul’isa.
Maddi:-TOI
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment