Godina Baaleetti gaagurri ammayyaa kumni 55 ol Qonnaan bultootaaf raabsamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 5, 2016 (FBC) – Godina Baaleetti inisheetivii misooma dammaa milkeessuuf gaagurri ammayyaa kuma 55 ol raabsamaa jiraachuu waajjirri qonnaa godinichaa beeksise.

Godinichaatti inisheetiivii Misoomaa Dammaa milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

gaagura ammayyaa 500 qonnaan bultoota 300f raabsaa jiraachuu himaniiru.

Aanaa Agaatfaatti inisheetivi misooma dammaa milkeessuuf bara kana hanga ammaatti gaagurri kumni 1 ol qonnaan bultootaaf raabsamuu fi damma toonii 670 Oomishuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuu Itti Gaafatamaan waajjira qonnaa aanaa Agaarfaa Obbo Aadam Guyyeen ibsaniiru..

Itti Aanaan Waajjira Qonnaa godina Baalee Obbo Abdullaxiif Amaan gamasaaniitiin godinichatti haala mijataa misooma dammaatiin jiru fayyadamuun omisha dammaa dabaluuf hojjatamaa jiraachuu dubbataniiru.

Inisheetivii misooma dammaa hojiirra oolchuun gaagura hammayyaa kuma 55 ol qonnaan bulaaf raabsaa jiraachuus kaasaniiru.

Godina Baaleetti inisheetivii omisha misooma dammaa hojiirra oolchuun damma toonii kuma 3 ol omishuuf karoorfamee hojjatamaa jiraachuu ragaan Kominikeeshinii godina Baaleerraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment