Godina Baalee, Booranaa fi Gujiitti Awwaannisa ittisuuf xiyyaaronni dabalataa ergaman

Finfinnee, Amajjii 5, 2012 (FBC)  – Awwaanisa gammoojjii Godina  Baalee, Booranaa fi Gujiitti uumaman ittisuuf xiyyaaronni dabalataa gara naannichaatti akka bobba’an Ministeerri Qonnaa ibse

Ministeerichi baatii Waxabajjii dabarsinerra eegalee hojii Awwaanisa gammoojjii ittisuu hanga ammatti ammaatti hojjetamaa jiraachuu ibseera.

Awwaannisni kun Godina Baalee fi Booranatti miidhaa kan qaqqabsiise yoo ta’u, Aanoota Nannoo kibbaan wal dangeessanitti ni duula sodaa jedhus eerera.

Bakkeewwaan Awwaannisni kun miidhaa qaqqabsiisa jiru mootummaa naannoo Oromiyaa waliin ta’un xiyyaaraan hojiin keemikaala biifuu gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, ga’aa ta’uu dhabuun xiyyaarota dabalataa erguuf akka murteesse ministeerichi ibseera.

Faanaa Biroodkaastiing koorporeet waliin turtii kan taasisaan ministeerichatti daayreektarri eegumsa bosonaa obbo Zabdiyoos Salaatoo hojiin Awwaannisa gammoojjii hordofuu fi ittisuu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Obbo Zabdiyoos Awwaannisni gammoojii kun Yemeenii fi Somaalee Laandiirraa karaa Affaarii fi Naannoo Somaaleen galuun naannoo Amaaraa, Tigiraay, Baha oromiyaa fi naannoo Dirree Dawaatti kan uumame yoo ta’u,  hanga dhuma  baatii Saadaasattti hojiin ittisuu boqonna duraa ta’uu himaniiru.

Rakkinichi daangaa ce’aa waan ta’eef hojiin ittisuu biyyoota ollaa waliin qindoominaan kan hojjetamu ta’u hubachiisaniiru.

Silaabbat Maannayyeetu gabaase

 

 

 

 

Comments (0)
Add Comment