Godina Arsiitti,Qamadiin Jallisii Boneen misoome sassaabbamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 17, 2014 (FBC) –Godina Arsiitti,Qamadiin Jallisii Boneen lafa hektaata kuma 37 olirratti misoome sassaabbamaa jiraachuu ibsameera.

Hanga ammaatti Lafa Hektaara kuma 2 fi 109 irraa callaa kuntaalli kumni 78,fi 33 walitti qabamuu itti Aanaa Itti gaafatamaanWaajjira Qonnaa Godina Arsii obbo Musxafaa Huseen himaniiru.

Aanaalee oomishni irraa walitti qabamaa jiru keessatti giddu galeessaan hektaara 1 irraa callaa kuntaalli 38 argamuu danda’eera jedhan.

Godina Arsiitti bara kana lafa Hektaara kuma 37 fi 12 qamadii jallisiin misoomeerraa callaa kuntaalli miiliyoonni 1 fi kumni dhibbi 5 ol kan eegamu ta’uu OBN gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment