Finfinnee, Bitootessa 6, 2013 (FBC) – Godina Arsiitti qamadii jallisiin misoome sassaabuun eegalamuu Waajjirri Qonnaa fi Qbeenyaa Uumama godinichaa beesksiiseera.
Godina Arsiitti bara kana marsaa duraatiin Qamadiin jallisiin lafa hektaara kuma 16 fi 300 irratti misoome torbee darbe jalqabee sassaabuun eegalamuu Waajjirri Qonnaa fi Qabeenya uumamaa godinichaa beeksise.
Hanga ammaatti lafa hektaara 750 irraa oomshni walitti qabamuu itti aanaan Waajjira Qonnaa fi Qabeenya uumamaa Godina Arsii obbo Musxafaa Huseen himaniiru.
Lafa hektaara tokkorraa gidduugaleessan callaan kuntaalli 43 oomishamuu ibsaniiru.
Akka OBN gabaaseetti Waliigala godinichatti lafa misoomeerraa callaa kuntaalli kumni dhibbi 9 ol ni eggama.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.