Finfinnee, Sadaasa 3, 2014 (FBC)- Godina Arsii aanaalee garaagaraa keessatti miseensonni garee shororkeessaa Shanee 20 karaa nagaan mootummaa fi abbootii Gadaaf harka kennuu ibsame.
Miseensonni kunneen ilaalcha dogoggoraan gara garee shororkeessaatti makamanii socho’aa turuu fi waamicha abbootiin gadaa taasisaniin karaa nagaan harka kennachuu ibsaniiru.
Aanichatti garee biyya diiguuf ka’e faana hiriiruu kan hin barbaanne miseensonni garee shororkeessaa Shanee 20 karaa nagaan harka kennachuu bulchaan godinichaa Obbo Muusaa Firoo ibsaniiru.
kanaan dura duula qindaa’aa abbootiin gadaa fi hawaasni taasiseen miseensonni garee shororkeessaa Shanee hedduun to’annaa jala ooluu eerameera.
Maddi:- TOI
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.