Finfinnee, Waxabajjii 9, 2013 (FBC) – Godina Arsiitti Qonna gannaa bara kaanaan lafa hektaara kuma dhibba 3 fi kuma 54 kilaasteraan misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa godinichaa beeksiseera.
Godinichatti lafa kuma dhibba 5 fi kuma 90 ol qonnaa ganaaf qophaa’ee keessa lafa hektaara kuma dhibba 3 fi kuma 54 kilaasteraan misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu Itti aanaa itti gaafatamaan Waajjirra Qonnaa fi qabeenya Uumama obbo Musxafaa Huseen ibsaniiru.
Hanga ammaatti Sanyii filatama kuntaalli kumni dhibba 2 fi kumni 33 ol, xaa’oo kuntaalli kumni dhibbi 6 fi 15 qonnaan bultootaf dhiyaachuu ibsaniiru.
Godinichatti qonnan buultoonni gara qonna ammayyatti akka ce’aniif deeggarsi gama hundaan taasifama jiraachuu obbo Musxafaan himaniiru.
Bara 2014ttis lafa hektaara kuma dhibba 5 fi kuma 90 ol misoomsuuf karoorfame irraa callaa kuntaalli miiliyoonni 20.5 hanga miiliyoona 34 ni eeggama jedhaniru.
Midhaksa Qachaatu gabaase.
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Https://T.Me/Afanoromofana
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii Fanabc.Com/Afaanoromoo
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.