Finfinnee, Sadaasa 1, 2014 (FBC) – Godina Arsii aanaalee garaagaraatti lafa hektaara kuma 30 fi 600 ol qonna jallisii booneen misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksiise.
Aanaa Doddotaatti bara kana lafti hektaarri kuma 1 fi 420 jallisii booneen misoomuf qophiin lafaa xumuramuun facaasan jalqabamuu Itti gafatamaan Waajjira Qonnaa Aanichaa obbo Qaasim Kadir dubbataniru.
Godina Arsii aanaalee 23 keessatti bara kana lafa hektaara kuma 30 fi 600 ol Jallisii booneen misoomuf karoofamee hojjetamaa jiraachuu Itti aanaa itti gafataamaan Waajjira Qonnaa godinichaa obbo Musxafaa Huseen ibsaniiru.
Hanga ammattis lafti hektaarri 700 facaa’uu fi aanaalee tokko tokko keessatti ammoo qophiin lafa eegalamuu himaniiru.
Qonna jallisii boonee kanaaf dhiyeessiin galtee qonna ga’aan dhiyaachaa jiraachuu kaasaniiru.
Lafa waliigala misoomuurraa callaa kuntaala miiliyoona 1.3 argachuuf karoorfamuu obbo Musxafaan eeraniiru.
Miidhaksaa Qachaatti gabaase.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.