Finfinnee, Sadaasa 20, 2015 (FBC) – Godina Arsii Lixaatti rakkooleen kenniinsa tajaajilaa manneen hojii mootummaa keessatti mul’atu furamuu akka qabu ibsameera.
Ummanni tajaajila barbaadu karaa seera qabeessaan argachaa akka hin jirre mootummaan qorannoon irra ga’uu itti aanaan bulchaan Godina Arsii lLixaa Obbo Asaffaa Tolosaan himaniiru.
Ummanni tajaajila mootummaa kamuu kaffaltii seera qabeessa qofa nagaheedhaan kaffalee argachuu osoo qabuu manneen hojii mootummaatii tajaajila mootummaa maallaqaan bitachaa jiraachuu ibsaniiru.
Rakkoo hanqina kenniinsa tajaajilaa kana furuuf hojjetamaa jiraachuu Obbo Asaffaan eeraniiru.
Rakkicha maksuuf hawaasni qooda isaa ba’uu akka qabu gaafataniiru.
Badhaadhina barbaaddame bira ga’uuf rakkoolee kenniisa tajaajilaa manneen hojii mootummaatti muul’atu furuun dirqama ta’uu kaasaniiru.
Qaamolee kenniinsa tajaajila danqanirratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu hubachiisaniiru.
Godinichatti mariin rakkoo kenniinsa tajaajila manneen hojii mootummaarratti xiyyeeffate gaggeeffameera.
Xilaahun Yilmaa fi Mariyamaa Baqqalaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.