Godina Arsii Lixaatti lafti hektaarri kumni 144 boloqqeen uwwifame – Waajjira Qonnaa Godinichaa

Finfinnee, Hagayya 24, 2016 (FBC) – Godina Arsii Lixaatti lafti hektaarri kumni 144 boloqqeen uwwifamuu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksiise.
Lafa misoome kanarraa callaan kuntaalli miiliyoonni 2.8 kan abdatamu ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira qonnaa Godina Arsii Lixaa Dooktar Abdullaahii Beekaan eeraniiru.
Boloqqeen misoome kun yeroo ammaa humna namaafi keemikaalaan kunuunfamaa jiraachuu dubbataniiru.
Jibriil Huseeniifi Lammaa Tasfaayeetu gabaase.
Comments (0)
Add Comment