Godina Arsii Lixaatti ijaarsa Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaaf Birrii miiliyoonni 3.6 sassaabbamuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 11, 2014 (FBC) – Godina Arsii Lixaatti ijaarsa Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaaf Birrii miiliyoonni 3.6 sassaabbamuu koree qindeessiituun hidhichaa beeksise.

Godinichatti bara kan Birri miiliyoona 18.6 walittii qabuuf karoorfamee hojjatamaa kan jiru yoo ta’u, hanga ammaatti Birrii miiliyoona 3.6 sassaabbamuu itti gaafatamtuun Waajjira Kominikeeshinii Godinichaa Aadde Masarat Laggasaa himaniiru.

Ijaarsa hidha haroomsa guddichaa kana milkeessuuf aanaaleen godinichaa ciminaan hojjatan akkumaa jiruu kan hanqina qabanis jiraachuu korichi ibseera.

Godinichattii bara 2013 hidha haroomsaa guddichaaf Birrii miliyoonaa 6.8 walitti qabuuf karoorfamee Birrii miliyoona 5.8 milkeessuun danda’amuu ibsameera.

Hawaasni godinichaa hirmaannaa misoomaa nama boonsu akka jalqabeen tumsa ijaarsa hidha haaromsaa fiixaan baasuuf qooda isaa ba’uu akka qaban Itti aanaa Bulchaan godinichaa obbo AsaffaaTolasaan gaafataniiru.

Aanaaleen hirmaannaan isaanii gadi aanaa ta’e hirmaannaa isaanii cimsuun xiyyeeffannoon hojjechuu qabu jedhan obbo Asaffaan.

Lammaa Tasfaayeetu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment