Godina Arsii Lixaatti hojiin misooma sululaa eegale

Finfinnee, Amajjii 3, 2013 (FBC)- Hojiin misooma sululaa Godina Arsii Lixaa Aanaa Shaallaa ganda Fandee Ejersaatti guyyaa har’aa eegaleera.
Itti aanaan bulchaa godinichaa obbo Abdurrahmaan Gammadaa fi itti gaafatamaan waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uummaa godinichaa obbo Abdallaa Ibraahim Guyyee gandichatti argamuudhaan eegalchiisanii jiru.
Godinichatti guyyoota 45 keessatti hojiileen karoorfaman;daagaa gosa addaa addaa,stiraakcherii bishaan cimmisu,bishaan yaasu fi hallayyaa hidhuun kan hojjatamu yoo ta’u,hawaasni kuma 5 fi 37 ol irratti ni hirmaatu jedhamee kan eegamu ta’u obbo Abdallaan himaniiru.
Hojii qabeenya uumamaa kanaan gandoota 324 keessatti lafa heektaara kuma 162 uwwisuuf karoorfamee hojjatamaa akka jirus ibsamee jira.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenyahttps://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment