Godina Arsii Lixaatti Daa’imman MaatiinHarka Qalleeyyii kuma 32 oliif meeshaaleen barnootaa deeggarsa taasiifame

Finfinnee, Qaammee 5, 2013 (FBC) –Godina Arsii Lixaatti Tajaajila Lammummaa Gannaatiin Daa’imman maatiinm harka qalleeyyii kuma 32 oliif Meeshaaleen Barnootaa Birrii miiliyoona 23 oliitti tilmaamamu deeggarsaan laatame.
Waajjirri Dhimma Dubartootaa,Daa’immanii fi Dargaggoota godina Arsii Lixaa daa’imman maatiin harka qalleeyyii ta’aniif deeggarsa meeshaalee barnootaa taasisee jira.
Bulchaan godina Arsii Lixaa obbo Abarraa Bunoo iddichatti argamuun daa’immaniif deeggarsa kana kennaniiru.
Sadarkaa aanaalee fi godininaatti walumaa galatti daa’imman kuma 32 fi 571 tiif meeshaaleen barnootaa Birrii miiliyoona 23 fi kuma dhibba 4n bitame deeggarsaan kennamuu itti gaafatamatuun waajjirichaa aadde Arabee Nyagulee himaniiru.
Meeshaaleen barnootaa deeggarsaan kennaman kunneenis dabtara,qalama,Yuunfoormii,Boorsaa, Irsaasii,qartuu fi Kitaaboota wabii akka ta’e ibsameera.
Biqilaa Tufaatu gabaase.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment