Godina Arsii Lixaatti barana biqiltuun mukkeen garaagaraa miiliyoonni 200 ol qophaa’uu himame

Finfinnee, Caamsaa 21, 2013 (FBC)- Godina Arsii Lixaatti barana biqiltuun mukkeen garaagaraa miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 38 qophaa’uu himame.

Sagantaa Arshaaraa magariisaa marsaa 3ffaaf bara kanaf godinichatti biqiltuun mukkeen garaagaraa miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 38 dhaabbiif qophaa’uu,Waajjirri Qonnaa fi Qabeenya Uummamaa Godina Arsii Lixaa beeksiseera.

Itti gaafatamaan Waajjiricha obbo Abdallaa Ibraahim sagantaa ashaaraa magariisaa marsaa 3ffaaf biqiltuu qophaa’e keessaa hanga ammaatti biqiltuun miiliyoonni 17 dhaabameera jedhan.

Guyyaa dhaabbiin biqiltuu ashaaraa magariisaa baranaa labsamu guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 15 dhaabuuf qophiin barbaachisu xumuramuusaa Obbo Abdallaan himuu OBN gabaaseera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

 

Comments (0)
Add Comment