Godina Arsii Lixaatti Ayyaana Irreechaa kabajamu milkeessuuf qophiin xumuramuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 19,2014 (FBC) – Waajjirri Aadaa fi Tuurizimii Godina Arsii Lixaa Ayyaana Irreechaa sababeeffachun agarsiisa baazaarii fi egzibiishinii akkaataa irreeffannaa magaalaa Nageellee Arsiitti qopheesseera.
Aanaalee fi magaalonni godinicha meeshaalee aadaa qabatamaa uffataa, faayaa fi soorataaf oolan ayyaana irreechaatiin miidhaagsuu qopheessuu himameera.
Itti gaafatamtuun Waajjira Aadaaf Tuurizimii Godina Arsii Lixaa aadde Maliyaa Tufaa Irreechi eenyummaa Oromoo addunyaatti muul’isuuf fi hawwata Tuurizimiin galii argamsiisuuf ga’ee ol aanaa qabaachuu ibsaniiru.
Itti aanaa kaantiibaa magaalaa Nageellee Arsii obbo Aabbuu Tashitee nageenya eegsisuu fi simannaa sabaaf sablammootaa irratti hojjatamaa jiraachuu dubbataniiru.
Namni irreecha deemu kamuu meeshaalee faaya aadaa irreechaa fi waraqaa eenyummaa qabachuun,qaamolee nageenyaaf sakatta’anii eeyyamamoo ta’uun nageenya isaanii eegsifachuun akka irreeffatan dhaamsa dabarsaniiru.
Jibriil Huseentu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment