Godina Arsii Lixaa Magaalaa shaashamanneetti filannoon gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2013 (FBC) – Godina Arsii Lixaa Magaalaa shaashamanneetti filannoon gaggeeffamaa jira.
Magaalichatti buufata filannoo Araadaa lakkoofsa 3tti filannoon gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Filannoo marsaa 6ffaa har’a sa’aatii 12:00 eegalee sirni baniinsaa geggeeffamuudhaan filattooannii sagalee isaanii kennaa jiru.
Bakkaa taajjabdoonnii, bakka bu’oonnii paartilee dorgomtootaa argamanittii saanduqnii filannoo duwwaa ta’uusaa erga argisiifameen booda qaboon yaa’ii qabamee sirni filannoo hoo’inaan eegaleera.
Hawaasnis ganama obboroo ba’uun hiriiraan haala vaayrasii koroonaaf isaan hinsaaaxilleen eeggannoo taasisaa dabareedhaan sagalee kennuu eegaleera.
Dabalaa Taaddasaatu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment